Waltajjii Marii Oromiyaa Idil Addunyaa | Oromia Global Forum
Hagayya 16, 20200
Nuti, miseensonni Waltajjii Marii Oromiyaa Idil Addunyaa (Oromia Global Forum), aadaa sirna Gadaa irratti hundaayuudhaan, sirna bilisummaa fi wal-qixxummaa ilmoo namaa dhugoomfatu, sirna lammiilee Oromiyaa hunda ija tokkoon ilaaluu fi walqixa tajaajilu, sirna tokkummmaa saba Oromoo tiksu fi dagaagsu, sirna daangaa Oromiyaa ittisu cimsuudhaan, garaagarummaa ilmaan Oromoo uumamaan qaban hunda kabajaa fi jaalalaan fudhannee (dhugoomfannee), kaayyoo tokko, saba tokko, hiree tokkoon, Oromiyaa tokkittiif, qaama tokko taanee, obbolummaan, Oromummaan saba keenyaaf, gamtaan waliin akka hojjannu wamichaa kanaa gadii saba keenya biyya keessaa fi biyya alaa jiru guutuuf kabajaan dhiheessina.
Ijoo dubbii keenyaan dura, utuu ummanni Oromoo gadda ajjeechaa suukanneessaa goota Oromoo Haacaaluu Hundeessaa keessa jiruu, akkuma bara 1966, hardhas badii tokko malee Oromoo hamilee cabsuuf yaaliin ajjeechaa halkan Hagayya 06, 2020 humnooti nageenyaa mootummaa federaalaa Itoophiyaa Dr. Abiyin hoogganamuun Pireezidaantii Waldaa Maccaa fi Tuulamaa, Obboo Dirribii Damusee irratti raawwatame. Waltajjii Marii Oromiyaa Idil addunyaa yaalii ajjeechaa Preezidantii Waldaa Maccaa fi Tuulamaa irratti aggaamame gadi jabeessinee, hdheeffannee balaaleffanna.
Walumaa galatti, ajjeechaa, dararamaa fi hidhaa sirni nafxanyaa Dr. Abiyyiin durfamu hayyoota Oromoo, hoogganoota Oromoo, Qeerroo fi Qarree Oromoo, hayyoota mallattoo aadaa fi seenaa Oromoo irratti gaggeessaa jiru guutuummaatti balaaleffanna.
Erga Oromoon bara 1880-1888 sirna gabroomfataa nafxanyaa jalatti kufee jalqabee mootummoonni impaayera Itoophiyaa Oromoon akka jaarmiyaa cimaa hin ijaarranne gochuun, hoogganoota Oromoo dhabamsiisuun, mallattoo Oromoo ta’an maqaa ofii itti moggaasianii seenaa Oromoo keessaa haquun, aadaa fi seenaa Oromoo jallisuun umrii dheereeffatanii as gahaniiru.
Ummatni Oromoo erga gaafa garbummaa jalatti kufee jalqabee bilisummaa sarbame deebifachuuf qabsoo gaggeessaa jiraachuunsaa eenyuraayyuu waan dhokatee miti. Addunyaanis kana ragaa ni baha. Keessattuu waggoota kurnan darban keessatti haala fira boonsee, adduunyaa dinqisiise, diina Oromoo immoo rifachiiseen qabsoo hadhooftuu gochuun ilmaan isaa qaqqaalii kumaatamaan itti wareegee, mootummaa Oromoo-nyaataa TPLF ofirraa buqqisuun seenaa impaayara Itoophiyaa keessatti abdii jijjiiramaa hamma ta’e mul’isiisee ture. Jijjiirama dhufe kana keessattis qooda leencaa gumaachuunsaa waan addunyaan ragaa baheedha.
Haa ta’u malee OPDOn kaleessa ergamaa TPLF ta’uun Oromoo ajjeessisaa fi saamsisaa turte injifatnoo qabsoo dhiigaa fi lafee ilmaan Oromootiin argame “nuutu si ceesisa, gaaffii keetis ni deebifna, nuti ilmaan keeti, nu ilmaan Abbaa Gadaati” jechuun malaamaltummaan aangoo dhuunfatan. Utuu bulee hin ooliin, Minilikii, isa Oromoo cabsee gabroomfatee, saba Oromoo miliyoona 6 ol lafarraa daguuge, Oromoo irratti deebisanii ijaaruutti seenan. Farroota qabsoo Oromoo ta’an, galtuu fi gantuu Oromoo keessaa, walitti qabuun gurmeessanii qabsaa’ota Oromoo dhugaa irratti duula banan. Dantaa mataa ofiitiif jecha Oromoota miliyoonaan lakkaahaman daangaa Oromiyaa bahaa fi lixa irraa harka-lafa-jalaan buqqisiisanii gammoojjiitti darban. Oromummaa fi sabboonummaa irratti nafxanyaa wajjiin harka walqabatanii duula QBO irratti banan. Kanaan walqabatee Oromoota qaroo ta’an, Qeerroo fi Qarree kaleessa dhiigaan angoottii isaan baasan diinummaatti farrajanii itti duuluutti galan. Ummata Oromoo Booranaa, Gujii fi Wallaggaa irratti maqaa Komaand Poost tiin lola seeraan-alaa labsanii waraana nafxanyaa itti duulchisan. Akkuma mootummoota nafxanyaa darbanii maqaa adda addaa itti baasuun Oromoo qaroo ta’an ajjeesuu, abbootii qabeenyaa Oromoo daldala keessaa baasuu fi biyyaa baqachisuu, hooggantoota jaarmiyaa Oromoo mana hidhaatti guuruu, kaan manatti ugguruu, miseensota jaarmiyoota Oromoo ajjeesuu, walumaa galatti haala sirna darban hunda caalaa hamaa ta’een saba Oromoo biyya keessaa fi alaa irratti duulaa gaggeessaa jiru. Oromiyaa diiguuf karoora baafatanii irratti hojjataa jiru.
Akkuma yaadatamu, mootummaan Dr. Abiy kan nafxanyootaan gaggeefamu, artist Haacaaluu Hundeessaa garaa hameenyaan ajjeesisuun reenfasaallee kabajaa silaa ilmaan namaatii malu dhoowwachuun siyaasaa ittiin dalagatan. Ajjeechaa Haacaaluutiin walqabatee maqaa seeraa fi heeraa kabajchiisuutiin miseensota fi hoogganoota ABO fi KFO, aktiivistoota Oromoo fi gaazeexessitoota Oromoo mana hidhaatti ugguruun Oromoo addaan faffacaasuu tattaafataa jiru. Qabsaa’ota Oromoo kanneen akka Abdii Raggaasaa, Jawar Mohammed, Dr. Shuggux Galataa, Obbo Baqqalaa Garbaa, Col. Gammachuu Ayyaana fi hedduu, kanneen tarreessinee fixuu hin dandeenye, ummata Oromoof dubbachuusaanii qofaaf seeraan ala mana hidhaa keessatti dararamaa jiru. HD Adda Bilisummaa Oromoo, Obboo Daawud Ibsaa fi HD KFO Prof. Mararaa Gudinaa mana keessatti ugguranii, akkuma kaleessaa shira jaarmota Oromoo diiguu itti fufanii jiru. Miidiyaa Oromoo walaba ta’an ukkaamsuun akka miidiyaan nafxanyootaa ummata Oromoo irratti mormii tokko malee hamilee cabsitu balbala banuun duula irratti gaggeesisaa jiru.
Walumaagalatti, mootummaan Dr. Abiy mootummaa Oromooti ofiin jedhaa ummata keenya kijibaa ture sun, amma mootummaa nafxanyaa ta’uusaa ifaa ifatti labsatee Oromoo biyya keessaa fi biyya alaa irratti duula hamaa gaggeessaa jira. Mallattoowwan Oromoo ta’an, Afaan Oromoo, aadaa Oromoo, biyya Oromoo (Oromiyaa), ABO, KFO, aktivistoota Oromoo, miidiyaa Oromoo, fi Oromoo akka sabaatti dhabamsisuu irratti halkanii fi guyyaa hojjataa jira.
Nuti, Jaarmiyoonni Oromoo, kan miseensa Waltajjii Marii Oromiyaa Idil Addunyaa taanee, keessatti argamnu haala hamaa sabni Oromoo keessa jiru hubannee, waan dandeenyu hundaan saba keenya cinaa hiriiruuf waadaa walii gallee jirra. Karaa nuu dandayame hundaan ummata keenyaa ni gargaarra. Tooftaan ilmaan nafxanyootaa akkuma abbootii isaanii Oromoo jaarmiyaaf hooggana malee hambisuu fi Oromiyaa diiguu waan ta’eef akkuma kaleessas harka walqabannee mootummaa TPLF ofirraa darbine, hardhas harka wal qabannee waanjoo gabrummaa cabsuun bilisummaa fi abbaa biyyummaan saba keenyaa qabatamaan (practically) akka milkaaayuu fi dhugoomu, hundi keenyaa afaan tokkoon akka waliin falmannu waamicha obbolummaa isinii goona.
Dhaamsa Oromummaa ijoollee Oromoo caasaa mootummaa, Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaa fi Humna addaa Poolisii Oromiyaa keessa jirtan hundaaf
Yaa lammii keenya,
Akka Oromootti kan hubachuu qabdan: Raayyaan Ittisa Biyyaa, Poolisiin Federaalaa fi Humni addaa Poolisiin Amaaraa sabasaa tiksaa jira malee ajjeesaa hin jiru; Raayyaan Ittisa Biyyaa, Poolisiin Federaalaa fi Humni addaa Poolisii Tigraay sabasaaf daangaa biyyasaa tiksaa jira malee ajjeesaa hin jiru.
Akka Oromootti kan of gaafachuu qabdan: Eegaa kan Oromoo maaliif adda ta’e? Ijoolleen Oromoo humna adda addaa keessa jirtan mana qotee bulaa Oromoo gubaa fi suuraa waliin ka’uun isin hin qaaneessuu? Shirri Oromoo Finfinnee keessaa ariyachuuf ilmaan nafxanyootaan xaxamaa jiru isini hin aarsuu? Dhaadannooleen ilmaan nafxanyootaa kannen akka ”Gaallaa wedee-Booranaa” kkf xiiqii isinitti hin horanii? Handhuura Oromiyaa Finfinnee, lafa artist Haacaaluu Hundeessaa itti galaafatanitti, alaabaa garboomsaa baatanii dhaadachuun ilmaan nafxanyyotaa isin hin onnachiisuu? Sirna bor isiniif ilmaan keessan Finfinnee keessa jiraachuu hinheeyyamneef maaliif hojjettu? Oromoo mirgasaa fi biyya abbaasaaf qabsaa’aa jiru maaliif ajjeeftu?
Dhugaa qabatamaan jiru mootummaan biyya bulchaa jiru sirna nafxanyaa ummata Oromoo irratti deebisee ijaaruutti jira. Malattoo saba Oromoo fi Oromiyaa diiguu irratti xiyyeeffatee, halkanii fi guyyaa, hojjetaa jira.
Kanaafuu, meeshaan isin baattan meeshaa shira kana fiixaan baasu ta’uu hinqabu jenna. Meeshaan keessan kan Oromoo gabrummaa nafxanyaa jalatti qabu utuu hin ta’in meeshaa ummata keessan cinaa dhaabachuun balaa alaa fi keessaan itti deemaa jiru irraa qolachu ta’uu hubattanii ummata keessan, keessattuu Qeerro fi Qarreen harka walqabattanii akka qabsoo bilisummaa fi birmadummaa waliin finiinsitan waamcha isinii goona. Barri nafxanyaan ilmaan Oromoo Oromoon cabsitu isin irratti raawwachuu qaba. Dhumarratti, isiniis qooda keessan bahuun itti gaafatama seenaa jalaa akka baatan waamicha kabajaan isinii dhiheessina.
Tokkummaan Humna!
1. Advocacy4Oromia
2. Bilal Oromo Dawa Center
3. Canaan Oromo Evangelical Church
4. Charismatic International Fellowship Church
5. DMV Oromo Islamic Center
6. Gaadisa Sabboontottaa KP
7. Global Gumii Oromia
8. Global Oromo Advocacy Group
9. Global Waaqeffannaa Council
10. Horn of Africa Genocide Watch
11. Human Rights League of the Horn of Africa
12. International Oromo Lawyers Association
13. International Oromo Women’s Organization
14. International Qeerroo Support Group
15. Network of Oromo Studies
16. Mana Kiristaanaa Fayyisaa Addunyaa
17. Oromo Christ Evangelical Lutheran Church
18. Oromo Community of Bergen
19. Oromo Community of Oslo
20. Oromo Communities’ Association of North America
21. Oromo Evangelical Lutheran Church of Los Angeles
22. Oromo Evangelical Lutheran Church of Washington DC Metropolitan Area
23. Oromo Evangelical Lutheran Mission Society
24. Oromo Human Rights and Relief Organization
25. Oromo Legacy, Leadership and Advocacy Association
26. Oromo Lutheran Church of Baltimore
27. Oromo Relief Association in USA
28. Oromo Resurrection Evangelical Church
29. Oromo Parliamentarians Council
30. Oromo Political Prisoners Association
31. Oromo Scholars and Professinals
32. Oromia Support Group
33. Oromo Studies Association
34. Tawfiq Islamic Center
35. Tawhid Oromo Islamic Center in Minnesota
36. Union of Oromo Communities in Canada
37. United Oromo Chirstian Church in Australia
38. United Oromo Evangelical Church
39. Wabii Maccaa Association
40. Washington DC Metropolitan Oromo SDA Church