Jijjiirraa daangaa bulchiinsaa fi tartiiba gabaasa magaalotaa fi aanaalee Oromiyaa ilaalchisee Ibsa WMOIA (OGF)

Share

Mootummaan naannoo Oromiyaa, daangaa bulchiinsaa fi tartiiba gabaasa magaalotaa fi anaalee Oromiyaa jijjiiruun tarkaanfii ifatti faallaa dimmokraasii ta’e, kan saamicha aangoo fi qabeenyaarratti xiyyeeffate, akkasumas ummata Oromoo gidduutti wal dhabdee facaasuun wal irratti bobbaasuu kan kaayyeffate fudhatee jira.


Sirnichi jijjiirama hundee kana kan hojiirra oolche osoo fedhii ummataa hin gaafatin fi dhiibbaa jijjiirraan kun geessisuu malu dursee osoo hin qoratin ture. Ummatni keenyas jijjiirraa kana jabeessee mormaa akka jiru hiriirrii nagaa inni walitti fufiinsaan aanaalee addaddaa Godina Gujii keessatti geggeessaa jiru, kan Oromoonni nagaa sadii irratti ajjeefaman, hedduun hidhaman fi hedduun mana hidhaatti guuraman ragaadha.

To read more Click here


Share

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *