Obbo Abduljabbaar Huseen du’aan boqochuu isaa yeroo dhageenyu gadda guddaatu nutti dhgahame.
Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa kan ture Obbo Abdujabbaar Huseen Hagayya 11, 2021 magaalaa
Adaamaa keessatti lubbuun isaa darbite. Obbo Abduljabbaar Huseen quuqama saba isaaf qabu fi ogummaa isaatiin hidhamtoota siyaasaa yeroo dheeraaf gargaaraa ture. Itti dabalees akka seerri hin dabne fi namni akka seera malee hin hidhamne, hin adabamnee fi hin ajjeefamne falmaa yeroo dheeraa gochaa ture. Kunis kabajaa mirga dhala namaaf qabuu fi quuqama saba isaaf qaburraa kan ka’ee dha.
Ibsa guutuu dubbisuuf as tuqi